SEENSA DIDDIGAA
Diddigni kitaaba osoo hin ta'in miira dhuunfaatu ana keessaa diddigamaa turee diddiga tahee kitaabbate. Diddiga ammas kitaaba jedhee saba bal'aaf dhiyeessuuf ulaagaa kitaaba tahuu guuta ykn guuteera jedhee osoo hin taane laalaa keessakootii gubee waciicu, gammachuu guutee nakeessaa ol wixxifatu, miira waliin dhahame keessakoo waliin dhahu quuqama, gaabbii, badhaadhinaa fi dararama jiruu waan jiraa ana keessatti minciraan naqatanii hiika dhabanii hiika argachuufis mala dhaban baasee saba bal'aatti himachuukootiin gidiraa sammuu koo weerare akka himachuuttin lakkaayee ogbarruutti fayyadamee Diddigee lallabachuuf barreesse. Diddigni seenaa, Afoola, durdurii falaasama, walaloo, aadaa, duudhaa, Afaan, taatee fi ilaalchaa fi amantaa nama biroo ykn saba biroo of keessaa qabaachuu danda'us ana uggurama yaada sammuu barreeffamaan ibsachuurraa walabummaa sammuukoof jecha kan waan adda addaa alanfatee garaachikoo daakuu dadhabnaan diddigame tahuu quba naaf qabaadhaa. Diddigni waan durii har'aa, waan maanguddoo fi dardara har'aa, waan gulantaa namummaa, waan cubbuu dharaan dhalatee ta'uunsaa natti mul'ata. Dhaloota doomsuurra dhalootaaf waan jiruu fi jiraa hangan dhandhame diddigee dhaloota dhidhima sammuu fi qalbii keessa buusee keessaa baasuuf beekumsan hin qabne kanaan beekaa tahuu dhaloonni akka kudhaammatu gochuu barbaadeen hawwiikoo fedhii dubbisaa bakka bu'a jedhee amanee barreesse. Waan isin hin feene dubbisaa jechuu hin danda'u, garuu diddiga kitaabaan yoo argattan kitaabittiin nan dubbisinaa hin jettuutii nidubbistu ta'inna. Waan dhaloota qubee silaa waan taramuu miti qubeewwaan Afaan Oromoo hunda hammachiisuuf Diddiga keessatti mata dureewwan gooroo fi gooree qubeewwan Afaan Oromoo bu'ureffachuun moggaasa kenneera. Egaa Diddiguukootti hin gaabbu waanan taheef balfa yoon diddiges na oofkalchaa! A jedhee eegalee Y jedhee xumuruu filadheeraatii isinis tartiibaanis tahuu baatu moggaasa mata dureewwankoo Qubee dhaloota qubeen dagaaguun eegaluukoo qalbeeffadhaa. Jechootni safuu Diddiga keessatti ani fayyadame qalbii keessan cabsus taatee waan jiraa keessatti taajjabaman ibsuuf waanan barbaadeef fayyadamuukoo ilaalcha keessa naaf galchaatii Na ofkalchaa jechaan dubbisa gaarii isiniif hawwa. Yaadni keessan balfa sammuukoo naaf faaya, urgeessas jedheen amana. Yaada keessan Dhaadhessaanis ta'e arrabsoon naqeeqaa! Garuu Nan abaarinaa! horaa bulaa! Fayyaa ta'aa Fayyaas da'aa!
ABCD
Guuboo jechootaa fi Tapha Qubeen Taphii!
@@@@@@@A@@
Abdii Abdatan Abdiin Abdiin Abdatamee Abadan Abdiin Abbaan Abdate Achibuuteen Achiinhafnaan Abjuu Abdiifi Abdii Abjuu A! Jedhee jalqabe.
@@@@@B@@@
Bara barri bara baraan baran barsiisuuf baratti baasa baasee barri badhaadha barbaadan balfee baraa barri bara baraan ba'aa nama baachisa. B! Jedhee itti fufe.
@@@@@@C@@@@@
Carraan caraansise cabsee
Cabaan cabasaa cabaan ciniinfatee
Caba Carraan caalaa cabsee
Cubbuun cabaan Cillaanfata
Caacculee Cunqursa caba ciqilee
Ciniinnaa ceequu Caalaa
Caba ciqileetu Caraansisa caala.
Cuubee cucuubee cubbee cubbifatee cubbuu cululfatee
Ciniinee Cubbuu Cirrinfatee C C C jechaan jedhe.
DDDDD
Dabaan Du'akee dhagaheen daba sitti dabasan dabaan dhabamuukee dhugeeffadhee daba du'aaf dabaan dhugaan dabee du'aan dararamaa dhalooti dabalata dabaan dhabamuusaa daangaa daangessee dhaabuuf dadhaba.
Diddaa didatee dhaloonni dide du'uuf dabalataan akka dararama dheessaa dhama'aa daddarbu dhorkuufan dhamaatii dhama hin baane dhama'a dadhabe.
Kanaafan diddiga egaa atis diddiguukoo osoo hin nuffin yoo dubbiste miirakoo keessatti miirakee ilaalta, kan hawaasakee xiinxaltee waan gaarii fi yaraa dhalootni keessa darbee fi keessa jiru waan abjuu tahee dhugoomefaa dhandhamta. Tarii atis barreessaa miira kee hubattee alatti baafattu taatinna, koos ilaalii na qeeqi yaada natti darbadhu, feetu na eebbisi, feetummoo na abaari!